bopsbible.blogg.se

Seenaa goototaa
Seenaa goototaa






seenaa goototaa

Sirni Wayyaanee uummata Oromoo siyaasaa fi dinagdee biyyattii keessaa alatti dhiibee akka moggeesse hawaasa addunyaaf ifa ta’eera. Kana malees qabsoon bilisummaa Oromoo karaa diplomaasii murna wayyaanee kopxeesuu fi deggersa qabsoo Oromoo horachuu irratti injifannoo galmeessaa jira. Tarkaanfii fi diddaa uummati Oromoo tokkummaan ka’ee agarsiisaa jiru kunis hawaasa addunyaa kan raajee fi diina rifaasise dha. Oromoon akka sabaatti uummata hundaaf kabajaa qabu, goota, jagnaa fi uummata guddaa tokkummaa qabu ta’uu hawaasa addunyatti agarsiiseera, agarsiisaas jira. Oromoon bilisummaa yookaan du’a! jechuun laphee dhiibee du’atti adeemuudhaan seenaa haaraa galmeessuu irratti argama. Yeroo uummati Oromoo ammaan booda cunqursaa, saamichaa fi hacuuccaa alagaa baachuu hin danda’u! na gahe! jedhee sirna roorriftuu alagaa of irraa dabruuf harka duwwaa diina meeshaa lolaa baranee hidhate dura dhaabbatee murannoon wareegama barbaachisu baasaa jirutti yaadatama. Yeroon kun yeroo qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa ol aanaatti tarkaanfatee jiru dha. Uummati Oromoo bakka hundaa kan yeroo kamii caalaa shiraa fi daba diinaatti dammaqee daangaa hanga daangaatti harka wal qabatee diddaa isaa mootummaa Wayyaaneetti agarsiisaa jira. Guyyaa Wareegamtoota Oromoo kan bara kanaa wanni adda taasisu haala Warraaqsi bilisummaa Oromoo sirna gabrummaatti xumura gochuuf golee Oromiyaa hunda keessatti akka ibidda saafaa boba’aa jiru keessatti ayyaaneffatamaa jiraachuu isaa ti. Har’as Waraanni Bilisummaa Oromoo, miseensotaa fi deggertooti qabsoo, addatti ammo qerroon (barataa fi dargaggooti Oromoo) walumaa gala uummati Oromoo bal’aan bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf wareegama ulfaataa baasaa jiru. Sanaa asittis hoogganootaa fi miseensoti Adda Bilisummaa Oromoo, deggertootaa fi ummati Oromoo, qabsaawotni bilisummaa bifa adda addaan qabsoo keessatti qooda qaban walumaa gala sab-boontoti Oromoo xurree hoogganooti ABO gaafa duraa saaqan irra bu’anii mirga abbaa biyyummaa Oromoof osoo falmaa irra jiranii wareegaman kuma hedduutti lakka’amu. Seenaa Oromoo keessatti Ebla 15, guyyoota kaan irraa wanni adda taasisu bara 1980 keessa guyyaa kana hoogganooti siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo akka qaroo ija Oromootti ilaalaman kiristaana Islaama utuu hin jedhin jumulaan wareegamanii tokkummaa saba Oromoo dhiiga isaaniin mirkaneessan ta’uu irraa ti. Kana waliin, guyyaan wareegamtoota Oromoo, guyyaa miseensoti Adda Bilisummaa Oromoo, deggertootaa fi uummati Oromoo bal’aan kaayyoo sab-boontoti Oromoo dabran wareegamaniif galmaan gahuuf waadaa seenan itti haaromsani dha. Gootota gaafa alagaan biyya Oromoo cabsuuf itti duule diina biyya ofii irraa ittisuuf jecha diddaa gabrummaa irratti wareegaman dabalatee qabsaawoti bilisummaa Oromoo bifa adda addaan hanga har’aatti wareegama baasan hunda guyyaa kana yaadatna. Guyyaan Gootota (Wareegamtoota) Oromoo Eirraa eegalee waggaa waggaan kabajamaa fi yaadatamaa yoona gahe. Guyyaa Gootota Oromoo kan Bara 2016 Ilalachisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Tags: ABO, Guyyaa Yaadannoo Gootota Oromo, Guyyaan Gootota (Wareegamtoota) Oromoo Ebla 15, Oromia, Oromo, Oromo Martyrs Memorial Day- Guyyaa goototaa OromoĮbla (April) 15: Oromo Martyrs Memorial Day- Guyyaa goototaa Oromo Oromoo Baranee wal barsiisuuf martinuu irratti haa hirmaanu.Oromia: Guyyaa Gootota Oromoo kan Bara 2016 Ilalachisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ApPosted by OromianEconomist in Oromia, Oromo Art. Seenaa gabaabaa Gootota, hayyoota, Sabboontota, Artistoota, wareegamtoota, Qabsaa’ota…. The oromo independence movement consisted of efforts by individuals and organizations from a wide spectrum of philosophies to obtain political independence from monarchy and imperialism rule through the use of a variety of methods. This app show who were campaigned against or are considered to have campaigned against imperialism rule on the Ethiopian. We have made this app in memory of Oromo Freedom Fighter. Seenaa Gootota Oromoo - Oromo Freedom Fighters currently has 117 ratings with average rating value of 4.5 This application is about Oromo Freedom Fighter Biography. According to Google Play Seenaa Gootota Oromoo - Oromo Freedom Fighters achieved more than 31 thousand installs.

#SEENAA GOOTOTAA ANDROID#

Android application Seenaa Gootota Oromoo - Oromo Freedom Fighters developed by Gulele Software And Application Development is listed under category Music & audio.








Seenaa goototaa